የሚኒስትሮች ምክር ቤት ስብሰባችንን ተከትሎ፣ እጅግ ዘመናዊና ፈጣን የቴክኖሎጂ ግብዓቶችን በመጠቀም የተገነቡ ቤቶችን የሚያሳይ የግንባታ ሳይት ጎብኝተናል።
ዘዴዎች በጥምረት ጥቅም ላይ ውለዋል፤ የ3ዲ ህትመት(3D printing)፣ የቅድመ-ዝግጅት ቀላል የአረብ ብረት ግንባታ እና የኮንቴይነር መኖሪያ ቤቶች ናቸው። እያንዳንዳቸው ግንባታዎች ትክክለኛውን ቴክኖሎጂ ስንጠቀም ፍጥነት እና ጥራት እርስ በእርስ የማይጋጩ መሆናቸውን ያረጋገጡ ሲሆን፤ ጥራታቸውን የጠበቁ መኖሪያ ቤቶችን ከወራትና ከዓመታት ይልቅ በጥቂት ቀናት እና ሳምንታት ውስጥ ሰርቶ ማጠናቀቅ እንደሚቻል የታየበት ህያው ምስክር ናቸው።
ይህ አይነቱ የላቀ ፈጠራ በየትኛውም የሀገሪቱ ክፍል በቀላሉ ሊተገበር፣ ሊደገም እና ሊስፋፋ የሚችል በመሆኑ የሀገራችንን የቤት ልማት ፕሮግራም አቅጣጫ በከፍተኛ ደረጃ የመቀየር ኃይል አለው። ቴክኖሎጂን ከሀገራዊ ርዕያችን ጋር አጣምረናል፤ መሰል በተግባር የተገለጡ ስራዎቻችን ደግሞ ለሀገር የሚገባውን ፈጣን እድገት እውን ለማድረግ በትክክለኛው አቅጣጫ ላይ በቁርጠኝነት እየተጓዝን መሆናችንን በተግባር አሳይቷል!
Walgahii keenya Mana Maree Ministirootaatiin booda bakka ijaarsa manneenii galteewwan teknooloojii baay'ee ammayyaafi saffisaa ta'anitti fayyadamuudhaan ijaaraman agarsiisu daawwanneerra. Bakka ijaarsaa kanatti maloonni ijaarsaa beekaman sadii qindoominaan hojiirra oolfamaniiru. Isaanis maxxansa 3D, sibiila salphaa dursanii homishuufi manneen jireenyaa konteeyinariiti. Ijaarsi kunneen mata mataatti wayita teknooloojii sirriitti fayyadamnu saffisniifi qulqullinni kan waliisaanii hin mormine ta'uu kan mirkaneessan yoo ta'u, manneen jireenyaa sadarkaa qulqullinasaanii eeggatan ji'ootaafi waggoota utuu hin eegiin guyyootaafi torbeewwan keessatti hojjetanii xumuruun akka danda'amu kan itti argame ragaa jiraataadha.
Kalaqni olaanaan akkasii kutaa biyyattii kamittuu salphaatti hojiirra ooluu, irra deebi'amuufi babal'achuu kan danda'u waan ta'eef, kallattii sagantaa misooma manneenii biyya keenyaa sadarkaa olaanaadhaan jijjiiruuf humna qaba. Teknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walsimsiifneerra. Hojiiwwan keenya akkanaa gochaan mul'atan guddina saffisaa biyyaaf malu dhugoomsuuf kallattii sirrii ta'e irra kutannoodhaan imalaa akka jirru qabatamaan mul'iseera!
Following our Council of Ministers meeting we visited a housing development demonstration site featuring construction that is both exceptionally modern and driven by highly accelerated technology. On this single site, three modern construction methods were simultaneously deployed: 3D printing, light steel prefabrication, and container housing. Each stands as living proof that premium-quality homes can be delivered in a matter of days and weeks, rather than months and years, demonstrating that speed and quality no longer need to be compromised when the right technology is embraced.
This caliber of innovation has the power to fundamentally alter the trajectory of our national housing program, offering a model that can easily be deployed, replicated, and scaled across every corner of the country. We have seamlessly aligned advanced technology with our national vision. Today serves as tangible proof that we are moving decisively in the right direction!
Comments
ምንም አልተገኘም.
አስተያየቶችዎን ይተዉት.